Xalayaa Irratti Mallatteessuu NO ADDED HARM

0
122

Translated by Mergia Sonessa – Seattle, Washington. 

Kabajamoo Gamaaggamtoota SAMP NEPA & SEPA:
Balaliin Buufata Xiyyaaraa SeaTac 420,000 ta’u naannoo fi haala qilleensaa miidhuu fi fayyaa ijoollee, maatii fi hojjettoota keenya jaallatamoo balaadhaaf saaxilaa jiraachuun isaa baay’ee nu yaaddessa. Amma Buufatni Xiyyaaraa SeaTac Karoora Guddaa Buufata Xiyyaaraa Itti Fufiinsa Qabu (SAMP) tiin balalii gara 509,892tti guddisuu barbaada. Kun haqa dhabeessa.
Buufata Xiyyaaraa SeaTac mootummaa Buufata Doonii Siyaatiltiin kan hoogganamudha. SAMPn dhiibbaa guddaa akka hin qabne murteessuu isaaniitti mufanneerra. Nuti NO ADDED HARM fi gaafanna!
Balaliin Buufata Xiyyaaraa SeaTac jiraattota 419,761 ol naannoo buufata xiyyaaraa fi daandii balalii jala jiraatan irratti dhiibbaa qaba. Jiraattonni kun tilmaamaan %64 namoota adii hin taane/sanyii walmakaa qaban, %29 godaantotaa fi baqattoota, %22 daa’imman, fi %12 maanguddoota of keessatti qabatu. Hawaasni buufata xiyyaaraatti dhihoo jiran Burien, Des Moines, Federal Way, Normandy Park, Renton, SeaTac, fi Tukwila kan dabalatudha. Hawaasni buufata xiyyaaraatti dhihoo hin taane garuu daandii balalii jala jiran Beacon Hill, Georgetown, Duwamish, Skyway, White Center, fi Chinatown International District dabalata.
Miidhaa haqaa naannoo, fayyaa fi haala qilleensaa dabalataa ijoollee keenya, maatii, ollaa fi hojjettoota keenya irratti dhufu hin barbaannu.
Miidhaawwan Naannoo
Balaliin ka’uu fi bu’uun faalama qilleensaa kan gaazota miidhaa geessisan fi paartiikilii haalan-xixxiqqaa hawaasa keenya irra qubatan of keessaa qabu uumu. Qilleensa faalame sana ofi keessaatti hafuura baafanna. Xiyyaaronnis faalama sagalee deesiibelii 65 ol kan uuman yoo ta’u, kunis qajeelfama Dhaabbata Fayyaa Addunyaa guyyaa sagalee naannoo deesiibelii 55, halkan ammoo deesiibelii 45 jedhu baay’ee ol ta’a. Jiraattonni hawaasa buufata xiyyaaraatiin dhiibbaan irra gahe keessaa irra caalaan isaanii sagalee hir’isuuf ulaagaa hin guutan. Yoo paartiikiloonni haalan-xixxiqaan hordoffii kan hin qabnee fi kan hin to’atamnetti, faalama qilleensaa salphisuun hin jiru.
Miidhaawwan Fayyaa
Gabaasni Fayyaa Hawaasaa King County bara 2020, “Fayyaa Hawaasaa fi Sagalee fi Faalama Qilleensaa Hojii Buufata Xiyyaaratiin Walqabate,” fayyaa hawaasa buufata xiyyaaraatiin dhiibbaa irra gahe kan fageenya maayilii tokko, maayilii 1-5, fi maayilii 5-10 Buufata Xiyyaaraa SeaTac keessatti argaman ibseera. Gabatee 16 fuula 22 irratti bu’aawwan fayyaa armaan gadii agarsiifameera:
• Umriin jireenyaa namoota Buufata Xiyyaaraa SeaTac irraa maayilii 1 keessatti jiraataniif waggaa 5, maayilii 5 keessatti waggaa 3.5 fi Buufata Xiyyaaraa SeaTac irraa maayilii 10 keessatti waggaa 1.7n gadi bu’a.
• Faalamni qilleensaa dhimmoota sirna hargansuu kan akka asmii, kaansarii fi rakkoo sirna narvii giddu galeessaa fida.
• Sagalee fi faalama qilleensaa rakkoo onnee fi ujummoolee dhiigaa fida.
• Faalama qilleensaa paartiikilii haalan xixxiqqaa ulfaatina dhalootaa gadi aanaa taasisuu hin oolu. Hordoffii fi to’annoos hin qaban. Qorrannoowwan biroo akka agarsiisanitti, paartiikiliin haalan-xixxiiqqaa hojii sombaa hir’isuu fi dandeettii hubannoo daa’immanii miidhuu danda’a.)
Miidhaawwan Haala Qilleensaa
Aviyeeshiniin jijjiirama qilleensaaf gumaacha guddaa qaba. Gadi lakkifamni aviyeeshinii bara 2050tti baajata kaarboonii addunyaa keessaa %27 ta’uuf karaa irra jira. Bara 2017tti, gadi lakkifamni boba’aa aviyeeshinii Buufata Xiyyaaraa SeaTac irratti paampii ta’u irraa gadi lakkifamu tilmaamaan CO2 toonii 5,804,000, ykn gadi lakkifamuu King County keessaa harka afurtamaatti dhihaatu gumaacheera. Akkasumas, dhiibbaan CO2 hin taane gadi lakkifamuu aviyeeshinii dhiibbaa ho’ina qilleensaa gadi lakkifamuu lafa irraa dachaa sadii akka qabaatan taasisa.
Miidhaa Haqummaa
COVID-19 hawaasni saaxilamoo ta’an (kan akka namoota adii hin taanee, godaantotaa fi baqattoota, akkasumas namoota galii xiqqaa qaban) dhiibbaa saffisaa fi cimaa akka isaan mudatu nutti agarsiiseera. Jiraattonni buufata xiyyaaraatiin dhiibbaan irra gahe 419,716 kan dabalatu: %64 namoota adii hin taane, %29 godaantotaa fi baqattoota, %22 daa’imman, fi %12 maanguddoota. Isaan kun hawaasa garmalee ba’aan itti baay’atee fi saaxilamoo ta’anii fi faalama qilleensaa hir’isuu tokkollee kan hin argannee fi faalama sagalee hir’isuu baay’ee daangeffamaadha argatan. SAMP miidhaa dabalataa haalaa cimaa fi saffisaa ta’een qofa dabala.
Miidhaawwan Qabeenya Seenaa
Kutaan Idil-addunyaa Chaayinaa Taawun aanaa seena qabeessa adda ta’eedha. Faalamni qilleensaa fi sagaleen xiyyaaraa qabeenya seena qabeessa kana akka manca’uuf gumaacha kan qabu yoo ta’u, namoota naannoo sana jiraatan, hojjetaniifi taphataniif miidhaan naannoo, qilleensaa fi fayyaa ni mudata.
SAMPn dhiibbaa guddaa akka qabuu fi waantota armaan gadii gochuu akka barbaachisu akka murteessitan isin gaafanna:
1) xiinxala dhiibbaa naannoo, fayyaa fi haala qilleensaa kuufamaa (EIS),
2) xiinxala dhiibbaa sanyii fi dinagdee gaafatame ajaja Hojii Raawwachiiftuu Pirezidaantii Kilintan 12989 Haqaa Naannoo irratti akka Daangaa Hojii SAMP keessatti dhiyaatee fi waadaa galametti,
3) xiinxala haala dubbii pirojektii yeroo gabaabaa SAMP pirojektoota yeroo dheeraa SAMP waliin walqabatee.
Kun waa’ee jireenya ummata keenyaa, fayyaa pilaaneetii keenyaa fi egeree waloo keenyaati.
Gaaffii qabdan kamiyyuu deebisuuf ni jirra.
Maaloo dura teessuu Koree Hojii Raawwachiiftuu STACC4J Maria Batayola [email protected] irratti qunnamaa.
Deebii gaarii akka argannu hawwii guddaan eegganna.
Tokkummaan, SeaTac Airport Community Coalition for Justice (STACC4J) https://fixtheharm.org/